FULBEK
Direct Marketplace
Accounts, products, payments, verification, and payouts.
Digital downloadProduct details
Jireenyi Abdii, gurbaa onnee qulqulluu fi amanamummaa daangaa hin qabne qabu sanaa shiraa fi sobaan unkuramee kiyyoofamee ture. Waadaa jaalalaa isa dhugaa kabajuuf jecha, qabeenya isaa guutuu gurguree jaalallee isaa Subboo gara biyya alaa geesse. Haa ta’u malee, Subboon gorsa summа’aa obboleetti ishee Aashaa duukaa bu’uun, dhiphina fi yaaddoo Abdii hundumaa dagatte; abdii sobaan sammuu isaa xaxxee, mana onaatti gatee biraa deemte. Yeroo obsichis dhumatu, Abdiin mormii fi gadadoo isaa mammaaksa garaa nama raasuun yommuu ibsu, Subboon bilbila gurra isaa irratti qacami gootee addaan kutte.
“Ofii gataa Rabbii hin gatuu!”
Madaan onnee isaa osoo dhiigaa jiruu, ulaa bahiinsa buufata konkolaataa magaalaa Shaashamannee duratti carraan jireenya haaraan isaaf baname. Intala diimtuu galloo, sagalee mi’aawaa akka koompitaraa qabdu Zaaraa ijaan arge. Markabni jaalala dhugaa fi qulqulluun asirratti saaqame. Haa ta’u malee, qorumsi jireenyaa achumaan hin dhaabbanne.
Abdiin shakkii siyaasaatiin qabamee baatii sagal guutuu mana amala sirreessaa seene. Subboon yeroo kana dhiifama afaanii gaafattus, maatiin ishee qarshii wabii mana murtii kuma digdama (20,000) dhowwatan. Zaaraan garuu, summii fi gocha namootaa dhiistee, baatii sagal guutuu mana hidhaatti uffata isaa miiccaa, onnee isaa jajabeessaa amanamummaa ishee gochaan agarsiiste.
“Natti hin beekan tantee, Sitti beekaan baddee!”
Kitaaba keessaa kan fudhatame
Verified buyers
No reviews yet. Only confirmed buyers can review this product.